08/05/2026
CNN Afaan oromo :May 8/2026
Bilxiginnaan teessoo Paarlamaa 64f qofaa isaa dorgomaa jiraachuu boordiin Filannoo ibse.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa sanada dhiyeenya kana baaseen akka beeksisetti, Paartiin Biltsiginnaa naannolee gurguddoo shan keessatti buufataalee filannoo 64 irratti dorgomaa malee kophaa isaa dhiyaateera. Iddoowwan dorgomaan irratti hin dhiyaanne kana keessaa 46 Naannoo Oromiyaa keessatti kan argaman yoo ta’u, 11 immoo Naannoo Amaaraa keessatti argamu. Kun filannoo 6ffaa kanaan duraa irratti paartichi iddoowwan 112 irratti kophaa dhiyaateen wal bira qabamee yoo ilalamu hir’ina qabaa jedhame.
Sanadni Boordii Filannoo kun kaadhimamtoota filannoo guutuu biyyaalessaa 7ffaa dhuma baatii Caamsaa bara 2018 ALI gaggeeffamu irratti hirmaachuuf waraqaa ragaa galmee fudhatan kan hammatudha.
Gabaasni kun ragaa naannolee Tigraay fi Hararii kan hin hammanne yoo ta’u, naannolee akka Afaar, Gaambellaa, Sidaamaa, Itiyoophiyaa Giddu-galeessaa fi Itiyoophiyaa Kibba Dhihaa keessatti garuu buufataalee hunda irratti dorgomtoonni tokkoo ol galmaa’anii jiru.
Finfinnee keessatti buufataalee 23 keessaa sadii irratti Paartiin Biltsiginnaa kaadhimamaa kan hin dhiyeessine ta’us, paartileen biroo sagal dorgomtoota isaanii galmeessisaniiru. Dirree Dhawaa keessatti immoo kantiibaan magaalattii Obbo Kadir Juhaar fi Dr. Biftuu Mahaammad dorgomaa Biltsiginnaa ta’anii yoo dhiyaatan, paartileen saddeetii fi dorgomaan dhuunfaa tokko isaan waliin ni dorgomu.
Oromiyaa keessatti dorgomtoonni dhuunfaa beekamoon dorgomaa malee kophaa isaanii dhiyaataniiru. Isaan keessaa tokko buufata filannoo Mandii irratti kan dhiyaatan qondaala ABO duraanii fi gorsaa Muummee Ministeeraa kan ta’an Obbo Qajeelaa Mardaasaadha. Akkasumas, Obbo Araarsoo Biqilaa ammoo Dadar 2 irratti, akkasumas Piriizidantiin Paartii Dhaloota Haaraa Obbo Solomoon Tafassee buufata filannoo Kofallee 2 irratti dorgomaa malee dhiyaataniiru.
Naannoo Amaaraa keessattis kaadhimamtoonni paartilee mormituu tokko tokko bakkeewwan murtaa’an irratti dorgomaa malee dhiyaataniiru. Paartilee ABIN, Izeemaa fi kkf keessaa kaadhimamtoonni iddoowwan akka Amanu’eel, Dagaa Daamoot, Mehal Meedaa fi Gindawaayin irratti kophaa isaanii kan dorgoman ta’uun beekameera. Kunis bakka tokko tokkotti paartileen mormituu carraa dorgomaa malee filatamuu akka qaban argisiisa.
Naannolee Somaalee, Benishaangul Gumuuz fi Itiyoophiyaa Kibbaa keessattis Paartiin Biltsiginnaa iddoowwan torba irratti kophaa dhiyaateera. Karaa biraatiin, Sosochiin Demookraatawaa Uummata Gumuuz (GPDM) kallaattii Kaamaashii irratti, akkasumas Izaamaan kallaattii Daasanech irratti dorgomaa malee dhiyaachuun isaanii gabaasameera. Walumaagalatti, galmeen kaadhimamtootaa kun bifa dorgommiin bakka hundaatti wal qixxee akka hin taane mul’isaa jedhe boordichi odeeffannoo baase kanaan