Gera Woreda Health Office

Gera Woreda Health Office Kontaktinformationen, Karte und Wegbeschreibungen, Kontaktformulare, Öffnungszeiten, Dienstleistungen, Bewertungen, Fotos, Videos und Ankündigungen von Gera Woreda Health Office, Regierungsinstitution, Jimma, Gera.

”Dhibeen Vaayirasii Marbarg Oromiyaa keessatti hin Mul’anne!”Biiroon Fayyaa Oromiyaa erga Ministeerri Fayyaa Federaalaa ...
19/11/2025

”Dhibeen Vaayirasii Marbarg Oromiyaa keessatti hin Mul’anne!”

Biiroon Fayyaa Oromiyaa erga Ministeerri Fayyaa Federaalaa Naannoo kibba Itiyoophiyaatti dhukkubni Hemoraajik Fiivarii gosa vayireesii marbargii mul’achuu mirkaneesseen booda naannoo keenya keessatti hojiiwwan ittisaa fi dammaqiinsa hawaasaa Kanneen akka eeruu fi ergaawwan bu'uura hin qabne adda baasuu fi odeeffannoo sirrii hawaasaaf kennuu, akkasumas miidiyaa hawaasaa irratti ta’e jedhamee sodaa hawaasa keessatti uumuuf gocha godhamaa ture hawaasni akka hin burjaajofneef ragaa sirrii fi hubannoo sirrii ta'e hawaasa biraan gahuu irratti argama.

Akkuma beekkamu Naannoo keenya keessatti weerarri dhibeewwanii yeroo garaa garaatti ka’aa kan ture yoo ta’u, qindoomina Ogeeyyii fayyaa, hoggansa sadarkaan jiruu fi tumsa hawaasaatiin miidhaa cimaa osoo hin geessisin too’achuun danda’ameera. Dabalataanis,Yaadannoo yeroo dhiyoo kan ta’e dhukkuboota daddarboo kanneen akka weerara Tayifasii 'Epidemic typhus fi Relapsing fever' jedhamuun beekkaman Godinaaleen Harargee Lixaa fi Arsii aanaa itti wal daangessan keessatti ka'ee kan ture yoo ta’u, Biiroon Fayyaa Oromiyaa Godinaalee lamaan waliin ta'uun gandoota hedduu keessatti hojii hojjatameen dhibeewwan kanneen too’achuun danda’amee jira. Kanaan walqabates, uwwisa yaalii dhibee kanaatiin cinaatti hawaasaaf hubannoo kennuu dhaan hawaasni dhibeewwan kanaa fi kanneen birootiif akka hin saaxilamne hojjatamaa tureera;hojjatamaas jira.

Haa ta’uu malee, odeeffannoo ragaa hin qabne miidiyaa hawaasaa irratti gadi lakkisuu dhaan dhukkubni vaayireesii Marbargii (marburg Virus)tiin daddarbu Godinaalee kanneen keessatti lubbuu namootaa baaseera jechuun ololli hafarfamaa jiru ragaa tokkolle kan hin qabne ta’uu Biiroon Fayyaa ibsuu barbaada. Hawaasni naannoo keenyaas burjaajii kanaan osoo hin dangeffamne of eggannoo gochaa ture akka cimsuu fi yeroo mallattooleen akka dhagna gubaa, bo'oo mataa jabaa, qaama caccabsaa, oldeebisuu fi teessisuun akkasumas dhiiga karaa funyaanii, afa

Karaalee daddarbiinsaa fi maloota ittisaa dhibee vaayirsaii Maarbargi Dhibeen vaayirasii Maarbargi (Marburg Virus Diseas...
18/11/2025

Karaalee daddarbiinsaa fi maloota ittisaa dhibee vaayirsaii Maarbargi

Dhibeen vaayirasii Maarbargi (Marburg Virus Disease) dhibee dhiiga dhangalaasuu, qaama ho’isuu fi bifa weeraraan uumamu yoo ta’u, namaa fi beelladoota biroo qabuu kan danda’uu dha.

Mallattooleen dhibichaa vaayirasichaan erga saaxilamanii guyyoota 2-9 gidduutti kan mul’atan yoo ta’u,

👉Afaan, funyaanii fi gogaa jalli dhiiguu,

👉Ho’a qaamaa guddaa, dhaamochuu fi dhukkuubbii mataa,

👉Dhukkubbii maashaa fi dugdaa,

👉 Dhukkubbii garaa, ol ol jechisiisuu(loccisiisuu) fi garaa kaasaa,

👉Qoma, garaa fi dugda irratti hooqxoo guguddaan mul’achuu ,

Karaalee Daddarbaa

👉Dhiiga, fincaan, imimmaan fi dhangala’oo biroo dhukkubsataa kallattiin tuttuquu,

👉Meeshaalee dhangala’aa nama dhibichaan du’e keessaa bahuun faalaman tuquu(lilimoo, uffata,meeshaalee biroo, )

👉Sinbirroota halkanii dhibichaan qabaman irraas namatti darbuu danda’a.

Maloota Ittisa Dhibee kanaa
👉Mallattooleen asiin olitti eeraman yoo mul’atan gara mana yaalaa deemuu,

👉Nama dhibichaan qabame waliin wal tuttuquun yoo uumame fi ho’I qaamaa yoo jiraate dafanii gara mana yaalaa deemuu,

👉Reeffa nama dhukkubichaan du’ee oggeessaan qopheessuu fi owwaaluu, sirnoota owwaalchaa hinbarbaachifne irraa of eeguu, meeshaalee tuttuqaman dhabamsiisuu,

👉Dhiigaa fi dhangala’oo nama dhibichaan qabamee irraa of eeguu,

👉Nama dhukkubsateef deggersi yoo goodhamu malleen ittisaatti fayyadamuu, jechuunis, afaaanii fi funyaan golgachuu, golgaa harkaa fayyadamuu,

👉Harka saanitaayizeraan ykn saamunaa harkaa fi bishaaniin sirnaan dhiqachuu akka barbaachisu odeeffannoon Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

Godina Jimmaatti ijaarsi hospitaala Geeraa qarshii Biiliyoona tokkoon har'a eegalchiifame.**********Hawaasni Aanaa Geera...
17/11/2025

Godina Jimmaatti ijaarsi hospitaala Geeraa qarshii Biiliyoona tokkoon har'a eegalchiifame.
**********
Hawaasni Aanaa Geeraa gaaffiin hospitaalaa waggoota dheeraaf kaasaa ture deebii argatee guyyaa har'aa ijaarsi isaa baasii qarshii Biiliyoona tokko ta'uun eegalamee jira.

Hawaasni aanichaa tajaajila yaala fayyaa dabalataa sadarkaa hospitaalaatti kennamu argachuuf hanga Magaalaa Aggaarootti deemaa kan turee fi gaaffii hospitaalaa waggaa dheeraaf kaasaa ture deebii argachuun isaa hawaasichaaf gammachuu guddaa akka ta'e Bulchaan Aanichaa Obbo Mahammadzeen Amiin himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, mootummaan jijjiiramaa dhaloota fayya qabeessa hojii misoomaa irratti dammaqinaan hirmaatu uumuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa akka jiru himanii hawaasn Aanaa Geeraa sababa fageenya hospitaalaatiin akka ijaaramuuf gaafachaa ture mootummaa jijjiiramaatiin deebii argatee har'a ifatti eegalamuun isaa xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa gaaffii hawaasaaf kenne kan aagarsiisuudha jedhan.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsaannat Worqinaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarsiimoo fayyaa biyyattii ittisaa fi yaala dhibee irratti xiyyeeffate hojiirra oolchuu fi kenna tajaajila fayyaa fooyyessuudhaan hawaasa fayya qabeessa uumuuf hojii guddaa hojjechaa jira jedhan.

Kanarraa ka'uunis dhaabbilee fayyaa baballisuudhaan akkasumas dandeettii raawwachiiftummaa ogeeyyii fayyaa cimsuuf hojjtamaa akka jiru kan himan Piroofeesar Natsaannat, hospitaalli Geeraa amma jalqabame kunis yeroo gabaabaa keessatti ijaarsi isaa xumuramee tajaajila akka jalqabuuf hordoffii fi deeggarsi barbaachisaan ni taasifamas jedhaniiru.

Hawaasni Aanaa Geeraas gaaffiin isaanii yeroo dheeraa deebii argachuu isaatti heddu kan gammadan ta'uu dubbataniiru.

Dhaabbanni ijaarsaa YOT Constraction jedhamu ijaarsa hospitaalichaatiif caalbaasii bahe injifachuun guyyaa har'aa saayitpilaanii ijaarsichaa hoggantoota Godinaa fi Naannoo harkaa walirkaa fuuchaa raawwatanii jiru.

  Duulaa Qinda'aa Talaallii Gifiraa Caamsaa 6/2017 jalqabuuf geejjibsiifni meeshaalee yaalaa eegaleera.
12/05/2025

Duulaa Qinda'aa Talaallii Gifiraa Caamsaa 6/2017 jalqabuuf geejjibsiifni meeshaalee yaalaa eegaleera.

19/11/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Muhidin Jabel, Abdulaziz Jemal, Fuad Faris, Yomif Abdi

Guyyaa 10/03/2017Aanaa Geeraatti hojiin ittisa busaa akkuma itti fufetti jira.Oolmaa guyyaa har'aatiin ganda dusta fi xi...
19/11/2024

Guyyaa 10/03/2017
Aanaa Geeraatti hojiin ittisa busaa akkuma itti fufetti jira.
Oolmaa guyyaa har'aatiin ganda dusta fi ximba calleetti hojiin duula qulqullina naannoo barattota kutaa 5-8 fi hojiin bornoota fayyaa jiraattotaf kennameera.
Hojii kana duukaa hojileen kan akka TT surgery,shekkama TB adda baasuu fi hojiileen fayyaa kan biroonis hojjetamaniiru.

 'as akkuma kaleessa weerara busaa ittisuuf rafuun hafeera!
16/11/2024

'as akkuma kaleessa weerara busaa ittisuuf rafuun hafeera!

Guyyaa Hojjennee Halkan Qoranna!  Busaa woliin haa ittisnu!
13/11/2024

Guyyaa Hojjennee Halkan Qoranna!
Busaa woliin haa ittisnu!

Adresse

Jimma
Gera

Webseite

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von Gera Woreda Health Office erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Teilen