OromoUnited

OromoUnited Politik Organisiert

Bu’aata Filaannoo Finfinnee as in hiiku!Horsiise bulaa!
03/06/2026

Bu’aata Filaannoo Finfinnee as in hiiku!
Horsiise bulaa!

  Jeneraal Haaji isaaq daadhii (1910 - Gurraandhala 3, gaggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga uummata Oromooti. Je...
31/05/2026




Jeneraal Haaji isaaq daadhii (1910 - Gurraandhala 3, gaggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga uummata Oromooti. Jeneraal haajii umrii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.

Jeneraal Haajii ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1920,keessaa osoo hin fuudhiin osoo abbaansaa hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate.
Abbaan isaas qabsawaa waantureef qansaa jechuudha haaji isaaq
Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta'iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.

Qabsoo Jalqabuusaa
Jeneraal haaji bara 1940 Muhaammad Gadaa Qaalluu faa wajiin diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta'anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu wajiin mari'atanii namicha nafxanyaa isaa rakkise tokkoo itti hime hajii isaaq dadhii tikkuun yaroo kana dhagahuu namichaa natuu sirraa ajjesaa atiin somalettii deemi jedheen tikkuun nafxanyichaa ergaa ajjesee booda milikeeta himeefii magaalaa ginnir kessaa haaji isaaq halkaan san miilan bahee uffataa polisa tikkuu irraa fudhatee karaa bu'e Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1949 tokko magaalaa ginnir kessattii ajjeesan.

Bara 1961 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gurmeefatee dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta'an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagayeenamni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiin arsii yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni "rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa'imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka'aa" jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.

"Gabroomfattootni ammoo ummatichaan guyyaa torba keessatti akka gadi lakkiftanii biyyanaa baatan, murtii tana beekaa," jedhanii gadi furan. Jagnoonni diddaa murtii gabroomfattootaatiin ba'an rayituun gama cee'anii, gaara galbii keessatti Kadiir Waariyoo Luugoo, Abdurrahmaan Haroo Abdii, Huseen Harcummaa Boruu, Huseen Abdurrahmaan Jaldoo, Roobaa Hindukkoo, Huseen suraa walqunnamuun murtii gabroomfataan ummata irratti dabarse kana dura dhaabatchuuf qawwee afur qabanirratti sadi'i dabalatanii bitachuun lolaaf of qopheessan. Haala kanaan diinaan lola'aa humna cimsataa deemuun, Suumaalee irraas odeeffannoo argachuu jalqaban.

Isaaq daadhii, Kadiir Wariyootii fi Huseen suraa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho'e. "Ummata keenyaan wal ta'aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!" jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba'uun, bakka bu'oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, hawwiyaa,Garri'ii fi kkkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi'ellee, aladdaa bakka jedhamutti ummata walga'e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii fikk tikkuu dabalatee keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu'uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fedhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, haaji isaaq daadhiifi waaqoo guutuu addatti waamee "Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta'e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taa'ii, taa'ii yeroo itti eggadhuu" jedheen.

Haaji isaaq dadhii, mootummaan Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuun kee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma keenya keessaa baane, amma diina maangudoo, dubartii fi daa'imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa ‘Guddoodha hindandeessan" jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni," Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrummaa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa" jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee "Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga qacalee reef ba'aa jiru, nibeektuu, wanti guddoon isin gargaarru jiraachuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii goona, mee hangasiif gama Bulahawootti ol-deebi'aatii na eegaa." jedhee gara koloneel Umar deebise.

Guyyaa gabaabaa keessatti koloneel Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Haaji isaaqof fi waqoon Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Sumaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka'e, hafuu isaanii kanatti, "Maali'iif nu hambisan?" jedhanii yaaddayan. Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jeneraal Daawud guyyaa lammataa Helekoopterii ofiitin haaji iaaqi fi waaqon gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jeneraal Daawud hooganoota gosoota waraanaa hunda waliin jiran walitti qabee, Jeneraal Waaqoon hooganaa isaanii godhee muude. Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i kenneefii "yoo isin silaafuu waraana Amaaraa hindandeettanii, mallayyoo poolisaa ykn hiituma mudhi'iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baay'inni qawwe'eellee kanaa ol akka ta'u waadaa siif gala," jedhee gaggeessa. Amma haaji isaaq nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin fe'atanii galuuf gaala barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa'anii mari'atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. "HIZBII" ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni haaji isaaq illee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.

Humni haaj isaaq dadhii Oromiyaa seene, maqaa isaa k**a qawwee isaa baafate, "dhoombir" ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji'a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a ta'u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa'aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamnii yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul'dhatee, deeraa fi ijoolleen daaw'atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i booji'an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman.

Falmiin bifa kanaan jalqabee bal'dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulcha'aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis "haaj isaaq fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuu" jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka'e "anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii." jedhe Onkololeessa 1970 garaa somalee deebi'ee . Haaluma kanaan, gootichi haaji Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta'uun itti walii galamee, Aanga'oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Haaji biyyatti deebi'an. Haga dhuma 1970 somaslee keessa turanii 1974 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba'e Magaalaa rayituu ,ginniir keessaa ba'uun isaaniitti mak**an. 1974-1980, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta'uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta'uun, itti aanumma'aan gaggeessa'aa turan.

Akeekni Jeneraal bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa'u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuutto amana Bara 1986 Motummaan Dargii jige,"rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu" jechuudhaan Mootummaa Ce'umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan haaji isaaq isa tokkoo ture. garuu boodarra haaji isaaq dadhii umriin isaanii deeme jennaan an eganaa humnaafuu irraa hafee jedhanii waan hundaa waaqoo guutuu faa wajiin dhamatanii biyyaa alaa deemee gargaarsaa isiniif kadhadhee ergaa achii isinnif ergaa jedheenii su'uud rabi'aa seene

Injifannoo Waraanaa
Loltoonni haaji isaaq lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana gaara ginnir bara 1963 godhame. Waraana kanarratti,waraana nafxii hedfuu ajjeesan Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee "Towra/Sowra Dhombiir" jedhamuun beekk**a. Waraana Dhombiir kan gaara ginnir ardaa tarreetti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.
Haaji isaaq daadhii umamaan nama kennaa addaa qabuudha

Rabbin keeyrii ji‘a Arafat nuuf haa keenu!
17/05/2026

Rabbin keeyrii ji‘a Arafat nuuf haa keenu!

16/05/2026

Axee nagati!

Marathon fudhun bara!
13/05/2026

Marathon fudhun bara!

11/05/2026
Oromiyaa, bilisummaa, sabboonummaa, injifannoo, qabsoo…Jechoota olii kana gaafan dhagahuu eegalu fuula isaatu na dura dh...
11/05/2026

Oromiyaa, bilisummaa, sabboonummaa, injifannoo, qabsoo…

Jechoota olii kana gaafan dhagahuu eegalu fuula isaatu na dura dhufa ture. Sagalee isaatu gurra koo keessaa lallaba. Qubee maqaa LEENCOO LATAA jedhutu sammuu kiyya keessatti haphaayee dubbifama. Inni qabsoo fi siyaasa Oromoos tahee biyyattii kanaa keessatti mul’ataa akka qilxuuti. Osoo maqaa isaa hin dhahin siyaasaa Oromoos tahee Itoophiyaa dubbattee keessaa bahuu hin dandeessu. Inni, gaafa san, tokkicha Oromoo tarree Mallas Zeenaawii fi Isaayyaas Afawarqii taa’ee maqaa ABO fi Oromoo firattis diinattis mul’ise. Kan isa duras, isa boodas dhufan heddu. Inni garuu adda tokko qaba. Adda dubbatanii gurra namaa keessatti hafuu. Inni fakkeenya hogganoota qabsoo Oromoo gameeyyii warra jiraatti jaboo qorameeti.

Isa wanti adda godhu biraas jira. Raagduu siyaasaa ti. Waan har’ayyuu baay’een keenya hubachuuf rakkannu inni waggaa 35 dura arge. Waan ofii dursee arge nutti himuuf ’Yaa biyyaa dhagahaa...’ jedhee waywaachuu jalqabe. Baasa baafte jedhamee lolame. Waan inni jedhe garuu baay’een keenya reef itti dhufaa jirra. Raaga isaa kitaabota sadii fi artikiloota baay’een afaan faranjiin katabee lallabeera. Afaan keenyaanis nuffe osoo hin jenne irra deddeebi’ee karaa miidiyaa gorseera. Sittin hima malee sittin hidhaaree jedhee yoo nutti makmaake amma haqa qaba.

Kaleessa wanti Finfinneetti tahe hawwii koo bara dheeraa ture. Garuu kitaaba seenaa isaa fi akka itti yaaadu dubbatu kana silaa harkuma isaa, quboota isaa seenaa barreessan saniin osoo nuu katabeen hawwa ture. Hundaafuu intalti qaxaleen Zufaan Urgaa jedhamtu hawwii nama hedduu kana waan dhugoomsiteef galatatu malaaf. Kitaabni kun waan hayyicha guddaa kanarraa dhagahuu feenu bal’inaan hammatee jira jedheen abdadha.

An akka namoota biroo carroomaniitti isa qaamaan hin argine. Fagoorraa garuu wal dubbisaa turre. Hunda caalaa kanin itti boonu wixinee kitaaba kiyyaa tokko isa gulaalsifachuu danda’uu kootti. Xumura gulaalliirratti “Jiraadhee ilma Oromoo hojii akkasii uumuu danda'u arguu kootiif akka nama ayyaana-qabeessaa tokkottin of ilaala.” yaada jedhu naa gumaachuu isaa nan yaadadha.

Abbaa Qabsoo keenya J/ Leencoo Lataa baguma jiraattee guyyaa kana agarte. Ammallee umrii dheerinaa fi fayyaa guutuun siif hawwa.

01/05/2026

General Taddesse Warade! Art Karate!

30/04/2026

General Taddasse

Arrabni lafee in qabu, lafee nama cabsa.Mammaaksa Oromooti.—————/////—————-Arrabni si cabsa, imala karaa dheeraa si danq...
30/04/2026

Arrabni lafee in qabu, lafee nama cabsa.
Mammaaksa Oromooti.
—————/////—————-

Arrabni si cabsa, imala karaa dheeraa si danqa, hamilee si kuta, lubbuu tee galaafata.

Obboolloota koo! Rakkoo keessaan midiyaa Hawaasa irraati hin baasiina. Yoo hama fete rakkateyyuu.

Adresse

Berlin

Benachrichtigungen

Lassen Sie sich von uns eine E-Mail senden und seien Sie der erste der Neuigkeiten und Aktionen von OromoUnited erfährt. Ihre E-Mail-Adresse wird nicht für andere Zwecke verwendet und Sie können sich jederzeit abmelden.

Teilen